Office of Multilingual Learning
Sagantaafi Tajaajila Barnoota Ingiliffaa (EL)Qabxiilee Warriifi Maatiin irratti haasa’an Biiroon Barnoota Afaan Tokkoo olii barnoota gargaaruuf haalli itti hojjetu: • • • •
Carraa ykn karaa barumsa sadrkaa qabuufi kariikulamii banuu Guddinna afaan barumsaa Adeemsa afaan barachuurratti gargaarsa argachuu Gargaarsa nama afaan tokkoo olii beeku argachuu
Wanti Barataan Ingiliffaa (EL) Beekamuun: • Aanaan Mana Barumsa Hawwaasa Saint Paul Baratoonni Ingiliffaa tajaajila gargaarsa afaanii kan barbaadan ta’uu akka addaan baasan seerri nigaafata. Manni Barumsa Hawwaasa Saint Paul (SPPS) odeeffannoo afaan barataa manatti dubbatamu kan beekamu uunkaa Gaafii Afaanii Manaa yeroo galmaayaanirrayi. Odeefannoo Uunkaan Afaan Manaa (HQL) kanarraa ka’uudhan akka Teestii Ramadii afaan Ingiliffaa kan WIDA jedhamu fudhachuu danda’an ittiin murtaaya. Barataan tokko akka barataa Afaan Ingiliffaatti (EL) fudhatamuufi tajaajila Afaan Ingiliffaa (EL) kan argatu ta’uun ykn ta’uu dhabuu kan murteefamu teestii WIDA jedhamuuni. Baratoonni qabxiin WIDA 1.0 – 4.4 jiduu jiru akka barataa Ingiliffaatti fudhatamu. Mirga Warraa • Mirga ijoolleen isaanii tajaajila Barumsa Ingiliffaa (EL) argatanii Ingiliffaan gahaa ta’anitti yeroo murtaayeef barumsa guutuu keessatti walqixa qoodha fudhachuu • Mirga tajaajila Afaan Ingiliffaa ijoollee ofiitiif (EL) gaafachuu • Mirga waayee tajaajila Afaan Ingiliffaa (EL) ijoolleen isaanii fudhattuufi bu’aa isaa beekuu • Mirga ijoolleen isaanii hoo tajaajila Afaan Ingiliffaa (EL) kan fudhattu taate beeksifamuu (*hubachiisni waradaatrraa ergama) • Eega ijoolleen isaanii tajaajila Afaan Ingiliffaa akka fudhattu beekamee booda tajaajjilli kennamu affaan isaanitiin akka hiikamuuf ykn turjumaanni akka kennamuuf mirga qabu • Mirga ijoolleen isaanii tajaajila ykn teestii Afaan Ingiliffaa (EL) akka hinfudhannee diduu (foormii ykn uunkaa tajaajila Afaan Ingiliffaafi (EL) diddaa teestii fudhachuu laalii) • Daa’imni isaanii dadhabaa kandeemu hoo ta’e mirga tajaajila Afaan Ingiliffaa (EL) irradeebi’anii akka fudhatan gaafachuu • Mirga ijoolleen isaanii sadarkaa tokko keessa turuu (warri gaafii akka gaafatan nijajjabeefamu) • Mirga sadarkaa tokko keessa turuu diduu • Mirga aayee barumsa ijoollee isaanii ilaalchisee murtii godhamu hunda keessattuu qoodha fudhachuu
• •
Office of Multilingual Learning
Mirga waayee karaa ijoolleen isaanii itti eebifamtuufi koollejii itti seentuu ykn hojjiif qophii ta’uuf waan irraa eegamuu baruu Mirga ijoolleen isaanii gorsituu (counseling) argachuu
Tajaajila Afaan Ingiliffaa (EL) • Guddinni Afaan Ingiliffaa (English Language Development) kan argamu, barumsa gaarii afaan barumsaa qabiyyee barumsarratti xiyyeenfateen kennamuuni. Xiyyeenfannaan Guddina Afaan Ingiliffaa kan taasifamu guddina dubbii afaanii, caasaa afaanii (jechoota, seerlugaafi dubbii ykn haasaya), unkaafi tajaajila afaanii, bu’ura beekumsaa ijaaruufi barataan beekumsa barumsa sadarkaa keessa jiruu akka argatuu gargaarsa dhiyeesurratti. •
Sadarkaa Duraarratti (Elementary Level), Baratoonni Afaan Ingiliffaa (EL) warri sadarkaa 1-4 jiran hunduu barumsa Guddina Afaan Ingiliffaa (English Language Development) guyyaa hundaa barsiisaa Afaan Ingiliffaatiin haala addaatiin leenjii qabuun barsiifamu; kanaa alattis walta’itii barsiisa barumsa waliigalaatin (general education) baratu. Barsiistonni lachuu sagantaa barumsaa kan qopheessan haala dandeetiin afaan Ingiliffaa ijoollee teessan itti guddatee sadarkaa barumsa ol’aanaa ittiin gayuuni.
•
Baratoonni kutaa 1-5 Teestii ramaddii WIDA jedhamuun qabxii 1.0 hanga 1.5 kan argatan sagantaa Akaadaamii Afaanii (Language Academy) kan mana barnootaa Akaadaamii Afaaniitti akka baratan nijjajabeefamu. Akaadaamiin Afaanii (Language Academy) kutaa keessatti Afaan Ingiliffaatiin gargarsa ol’aanaa kan taasisuu baratoota afaan Ingiliffaa barataniifi baratoota afaan Ingiliffaa dubbataniifi. Kanaa alatti, baratooni Afaan Ingiliffaa kan Akaadaamii Afaanii (Language Academy) keessa jiran guyyaa maraa barumsa afaanii kan cimaa ta’ee gara Kaariikulamii Ingiliffa Amma (English Now! Curriculum) jedhamu argatuu.
•
Baratoonni afaaniin sadarkaa 5 jiran gargaarsa afaanii barsiisaa Afaan Ingiliffarraa kallatiiti hinargatu ta’a, garuu wayta barsiisan Afaan Ingiliffaa baratoota Afaan Ingiliffaa baratan barsiisu walitti dabalamuun barachuu nida’anda’ani. Barsiisaan Afaan Inigiliffaa barsiistota kaan waliin ta’uun guddina barumsa baratoota sadarkaa 5 jirtuu nitoowata.
•
Sadarkaa Lammaffarratti, baratoonni Afaan Ingiliffaa sadarkaa hundaatuu (1-5)fi Ingiliffa dubbatu waliin baratu. Baratoonni qabxii WIDA sadarkaa1.0 - 2.5 argatan Akaadaamii Afaaniitti (Language Academy) bakka gargaarsa addaa itti argatanitti akka baratan nijajjabeefamu.Baratoonni Afaan Ingiliffaa barumsa guddina afaan Ingiliffaafi (English language development) barumsa kaan (content area) nibaratu. Baratoonni Afaan Ingiliffaa (EL) kan sadarkaa 3 keessa jiran barumsa waliin barsiifamuufi (co-taught courses) barumsa guddina afaan Ingiliffaafi (English language development) kan kalatiin walitti hidhiinsa qaban nifudhatu. Baratoonni sadarkaa 4fi 5, sagantaaleen qooda itti fudhatan sagantaalee tokko kan waliin barsiifamufi kutaa guddina afaan Ingiliffaafi (English language development) nifudhatu.
•
Baratoonni Afaan Ingiliffaa (EL) Gargaartuu Barumsaa kan afaan tokkoo oli dubbatuun (bilingual Educational Assistant) gargaaramuu nidanda’u.
Tajaajilaafi Sagantaalee Afaan Ingiliffaa (EL) Keessa Dabruu. •
Akka miseensa WIDAitt Dameen Barumsa Meenosootaa (Minnesota Department of Education) gamaagama Barataa Afaan Ingiliffaaf ACCESSitti fayadamu. ACCESSn Barataa Afaan Ingiliffaa(ELL) kan safaru dandeetii afaan Ingiliffaafi Barataan Ingiliffaa sagantaa Ingiliffaa keessaa bawuu danda’uu murteessa. Barataan tokko dandeetii teestii ACCESS 2.0fi sagantaa afaan Ingiliffaa keessaa bawuu danda’uun kan murteefamu, barataan
Office of Multilingual Learning
tokko qabxii walii gala yoo xinnaate 4.5fi dameewwan afran ACCESStiin (Dhageeffachuu, Dubbisuu, Dubbachuufi Barreesuu)qabxii 3.5 ykn isaa ol qabaachuu qaba. Baratichi sagantaa afaan Ingiliffaa(EL) keessa yoo baye, kompitara keessatti akka barataa Afaan Ingiliffaa(EL) hintaane kan muldhatu dhuma ji’a Haggayyaa(August)itti.
Qorannoo Barataa Ingiliffaa • Teestiin Calallii WIDA teestii calallii dandeetii afaan Ingiliffaa kan baratoota haaraa dhufanfi kan baratoota afaan Ingiliffaa nita’an jedhamanii yaadamaniifi. Qabxiileen teestii kanarraa argame Barataa Afaan Ingiliffaaf tajaajila kennuuf gargaara. Calalliin WIDA dandeetii afaan barataa tokkoo sadarkaan (1 hanga 6) kan muldhisuufi sadarkaa kamirrra akka jiru kan agrsiisuufi tajaajila ammamii aakka argatu murteesuuf gargaara. •
ACCESS Barataa Afaan Ingilifaatiif(ACCESS for ELL): Baratoonni Afaan Ingiliffaa (EL) kutaa Kindargaartanii hanga 12 jiran qorannoo ACCESS jedhamu kan dandeetii Barataa Afaan Ingiliffaatiif Safaru nifudhatu. Teestiin kun oggaatti al tokko afraasaa (spring) keessa kan kennamu hoo ta’u guddinna afaan Ingiliffaa baratoota Afaan Ingiliffaafi (EL) qophinna isaan sagantaa Barnoota Ingiliffaa keessaa bawuuf qaban kan safaru.
•
Yeroo barbaachisaa ta’e wanti teestiif barbaachisaa ta’an niguutamaniifi.
Tajaajila Afaan Ingiliffaa (EL) Diduu. • Warri ykn guddistoonni tajaajila Afaan Ingiliffaa(EL)fi/ykn teestii diduuf mirga qabu. Manneen Barnoota Uummata Seentpolii(SPPS) oggatti al-tokko dookumeentii diddaa akka ergani seerri nigaafata. • Warri ykn guddistoonni uunkaa Tajaajila Afaan Oroomoo oggaatti mallateessuun diduu nidana’u. Mallateessuu Sagantaa Barataa Afaanii jechuun mirga warri ijoolleen isaanii akka tajaajila barumsa Afaan Ingiliffaa hinargane taasisuu jechuudha. • Diddaan foormii Afaan Ingiliffaa BARATAAN TOKKO TEESTII GUUTUU ISTEETAA AKKA HINFUDHANNE NIDHOOWA JECHUU MITTI. • Warri/maatiin teestii dandeetii Ingiliffaa diduuf Uunkaa diddaa Afaan Ingiliffaa waggaa waggaatti mallateesuu nidanda’u. Uunkaa kana mallateesuu jechuun warri mirga ijoolleen isaanii teestii ACCESSfi WAPT akka qooda hinfudhanne diduu jechuudha. (*Foormii Diddaa Teestii Afaan Ingiliffaa (EL)) laali). Waayee Barbaachisa(Requirements) Sagantaa Barumsa Ingiliffaafi Qajeelfama (Guidance) isaatiif odeeffannoo dabalata yoo barbaadan: • Minnesota Statues, 124D.58 to 124.64 at https://www.revisor.mn.gov/statutes/?id=124D.59 • U.S. Department of Education, U.S. Department of Justice- Office for Civil Rights: ELL Guidance, Jan. 7, 2015 • Other sources: www.wida.us and www.mll.spps.org • If you have questions, contact us at
[email protected]
Updated 10/16/2017